Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii saffisaan dabalaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Chaayinaatti namoonni vaayirasii koroonaan du’anii saffisaan dabalaa jiraachuun himameera.

Akka Koomiishiniin Fayyaa Chaayinaa beeksisetti hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman kuma 31 keessaa namoonni 600 ol lubbuun darbaniiru.

Koomiinishinichi guyyaa har’aa akka ifoomsetti lakkoofsi namoota dhibichaan du’anii 636 irra ga’eera.

Guyyaa keessa qofa namoonni dhibichaan qabaman kuma 3 yoo ta’an, guyyaa har’aa namootni 143 dabalamaniiru.

Waliigala Chaayinaatti namoonni kumni 31 fi 161 dhibichaan qabamaniiru.

Dooktarri jalqabaaf dhibeen kun mul’achuu isaa beeksises vaayrasichaan du’eera.

Duuti Dooktara kanaa biyyattiitti mormii kaasaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan Chaayinaas qorannoo eegaluu isaa ifoomsera.

Chaayinaan ala biyyoota addunyaa 25 keessatti vaayrasiin koroonaa muul’ateera.

Dhibee kana ittisuuf Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 75 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Dhibicha ittisuuf biyyoonni addunyaa hundi hirmaannaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.