Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti lakkoofsi namoota vaayraasii koroonaan du’anii 563 ga’eera

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Chaayinaatti lakkoofsi namoota vaayraasii koroonaan du’anii 563 ga’eera.

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan du’anii 563 irraa akka ga’e odeeffannoon ni muul’isa.

Guyyaa kaleessaa qofa Huubeey keessatti vaayrasichaan namoonni 70 du’uun isaanii ibsameera.

Dabalataan guyyaa tokkotti namoonni kumni 3 ta’an vaayrasichaan qabamaniiru.

Hoong Koongii fi Filipiinsitti namoonni lama vaayrasichaan du’aniiru jedhame.

Jaappaanitti ammoo namoonni 10 vaayrasichaan qabamuun  namoonni kumni 3 fi 700 ta’an ammoo torbee lamaaf kutaa addaa keessa akka turan taasifaameera jedhameera.

Tatamsa’inni vaayrasichaa daran babal’achaa kan jiru yoo ta’u, Chaayinaan alattis namoonni 260 ta’an vaayrasichaan qabamaniiru.

Maddi:-Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.