Chaayinaatti lakkoofsi fayyadamtoota Intarneetii 5G miiliyoona 450 ga’e
Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Chaayinaatti lakkoofsi fayyadamtoota Intarneetii 5G miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 ga’uu Ministeerri Indaastirii fi Teeknooloojii biyyattii beeksise.
Giddugalli tajaajila interneetii kanaa haala gaariin guddisuu danda’an miiliyoonni 1.16 ol biyyattii keessa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.
Tajaajila interneetii biyyattii ammayyeessuuf abbootii warraa miiliyoona dhibba 2 ta’aniif sarara optikaalaa giigaabaayitii disriirsuu ibsameera.
Kana hordofee baatii 9 darbanitti galiin damee teelekoomiirraa argame kan bara darbeerra %28 dabaluu ibsameera.
Maddi:- Shiinawaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.