Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti daandiin saffisaa sigigaachuun lubbuu namoota 19 galaafate

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Chaayinaatti Rooba cimaa roobuu hordofee daandiin saffisaa gaara qaxxaamuru sigigaachuun lubbuu namoota 19 galaafachuu gabaafame.

Chaayina Bulchiinsa ‘Guangdong’ jedhamutti Rooba cimaa guyyootaaf itti fufiinsaan roobuu hordofee Daandiin saffisaa gaara qaaxxaamuru sigigaachuun lubbuu namoota 19 galaafachuu fi namoota 30 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu BBC, Al jazeeraa fi APn gabaasaniiru.

Daandichi Konkolaattoota imalaa turan fudhatee sigigaachuun miidhaa kana qaqqabsiisuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.