Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti balaa geejjiba baaburaa qaqqabeen imaltoota 515 irraa miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Chaayinaatti balaa geejjiba baaburaa qaqqabeen imaltoota 515 irraa miidhaan qaqqabuun gabaafame.

Imaltoota miidhaan irraa qaqqabes gara hospitaalaatti kan geeffaman yoo ta’u, imaltoota 102’rra miidhaan cabuu lafee mudachuu Time gabaaseera.

Geejjiba baaburaa walhordofanii imalaa turaaniin balichi mudachuu kan danda’e hadiidarratti cabbii olaanaan kuufamuun baaburicha dhaabuuf rakkoo umuurraan ta’uun ibsameera.

Geejjibni baaburaa kunis naannawaa Gaaraa Lixa Beejiingiitti wayita imalaa jirutti ta’uu fi lafa irraan gadeetti geejjiba baaburaa fuuldura jiru saffisaa isaa hir’isuu fi dhaabuun waan hindanda’amneef, sigigaatee wal kiphuurraan balichi mudachuu aanga’oonni geejjibaa magaalattii himaniiru.

Wayita balaan mudatetti ogeeyyiin lubbuu baraarsaa, poolisoonnii fi aanga’oonni daandii lubbuu imaltootaa baraaruuf bobba’uun gabafameera.

Baliichaan imaltoota midhaan irra ga’e keessaa 25 hordoffii wal’aansaa cimaa jala jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.