Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan yeroo rakkootti Ityoophiyaa cina dhaabbachuun tumsa taasifteef mootummaan Ityoophiyaa kabaja guddaa qabaaf- Ambaasaaddar Tashoomaa

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Chaayinaan yeroo rakkootti Ityoophiyaa cina dhaabbachuun tumsa taasifteef mootummaan Ityoophiyaa kabajaa fi galata  guddaa kan qabuuf ta’uu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan ibsan.

Ambaasaaddar Tashoomaan dhaabbata Chaayinaa “Center for China and Globalization” jedhamutti argamuun Preezdaantii dhaabbatichaa Dooktar Huuyuu’oo Waangii fi hayyoota dhaabbaticha keessa hojjetaniif haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa taasisaniiru.

Waraana kaaba Ityoophiyaatti uumamee tureen mootummaan dirqamee seenuu fi jalqabarraa kaasee waraanicha hambisuuf yaalii guddaa taasisee turuu yaadachiisaniiru.

Waraanichi erga eegaleen boodas mootummaan murtoo gamtokkeen waraana dhaabuu murteesuun nageenyaa uumuuf hojii olaanaa hojjechuu himaniiru.

Dhiyeenyatti murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuun deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay gama geejjiba lafarraa fi qilleensaan akka qaqqabu taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbata gargaarsaa idil addunyaa kamiyyuu caalaatti mootummaan deeggarsa namoomaa qindeessaa fi kennaa jiraachuu kaasaniiru.

Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa qoqqobbiiwwan garaagaraa Ityoophiyaarra kaa’uun dhiibbaa dippiloomaasii fi diinagdee cimaa irraan ga’aa jiraachuu fi miidiyaalee idil addunyaatti fayyadamuun maqaa gaarii Ityoophiyaa balleessaa jiraachuu addeessaniiru.

Chaayinaan, Ityoophiyaan wayita rakkoo hamaa keessa jirtutti cinaashee dhaabbachuun deeggarsa cimaa taasifteef mootummaan Ityoophiyaa kabajaa fi galata guddaa kan qabuuf ta’uu dubbataniiru.

Hundeessaa fi preezdaantiin dhaabbatichaa Dooktar Huuyuu’oo Waang gamasaaniin, ibsa taasifameefiin galateeffachuun fuulduratti dhaabbanni isaanii hariiroo cimaa Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.