Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan yaalii Motara olaanaa Rokkeettii milkiin xumuruu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Chaayinaan yaalii Motara olaanaa Rokkeettii Loong Maarch jedhamu milkiin xumuruu beeksiifte.
Korporeeshiniin Teeknooloojii fi Saayinsii hawaa Chaayinaa yaalii Motara olaanaa Rokkeettii xumuruun gara kutaa xumuraa Rokkeeticha walitti hidhuutti darbuuf qophiirra jiraachuu beeksiiseera.
Yaalii kana caalmaatti milkeessuuf yeroo 20 ol yaalii dabalataa kan taasiisu ta’uu korporeeshinichi ibseera.
Chaayinaan bara kana ijaarsa Buufataalee hawaa Weentiiyaanii fi Mangitiiyaan jedhaman kan xumurtu yoo ta’u, Buufanni Kaaree Meetira 150 irra qubate qorattoota hawaa 6 keessummeessuu kan danda’u ta’uu CGTN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.