Chaayinaan wayita vaayrasii koroonaarraa dandamachaa jirtutti, Ameerikaatti hammaachaa adhufeera
Finfinnee, Bitootessa 30, 2012(FBC) – Chaayinaan wayita weerara vaayrasii koroonaarraa dandamachaa jirtutti, Ameerikaatti hammaachaa dhufeera.
Addunyaarratti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 32 fi 686 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
Namoota kanneen keessaa kumni 82 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
Lammiileen Ameerikaa kumni dhibbi 4 fi 540 vaayrasichaaf yoo saaxilaman, lammiileen kumni 12 fi 857 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Ameerikaatti kaleessa qofa kan lubbuu isaanii dhaban 1,970.
Chaayinaan weerara vaayrasichaa dandamattee gara jiruu idileetti deebi’aa jirti.
Bulchiinsi Wuhaan uggura torbee 11 kaastee sochii idileettis deebi’aa jirti.
Chaayinaan kaleessa sababii vaayrasichaatin lubbuu lammiishee tokkoyyuu hin dhabne.
Vaayrasichi biyyoota 209 kan waliin ga’e yoo ta’u, amma ammaattis 1,432,686 vaayrasichaan qabamanii kumni 82 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
Lakkoofsi namoota vaayrasicharraa dandamatanii ammoo kuma 302 ga’eera.