Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan tamsaasa ‘BBC Worlid News’ dhorkite’

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Chaayinaan miidiyaan ‘BBC World News’ biyyattiitti akka hin tamsaasne dhorkuu beeksiifte.
BBCn murtoo kanaan muufachuu ibseera.
Oduun kun kan dhaga’ame erga to’ataan miidiyaa Yuunaayitiid Kiingidam Ofcom, miidiyaa biyyoleessaa Chaayinaa CGTN eeyyama UK keessatti hojjechuu mulquu hordofeeti.
Gabaasaaleen BBC World News dabarsaa ture qajeelfama miidiyaa haalaan kan cabse ta’uu Bulchiinsi Fiilmii, TV fi Raadiyoo biyyoleessa Chaayinaa ibseera .
ulaagaa oduun cabsuu fi fedhii biyyoleessaa Chaayinaa miidhuu ibseera.
BBCn dhimma kanarratti ibsa baaseen, Murtee angawoonni Chaayinaa dabarsanitti daraan gadduu ibseera.
BBCn akka addunyaatti madda oduu amanamaa kan ta’ee fi biyyoota addunyaa garagaraa irraa odeessaalee madaalawaa, loogii hinqabnee fi sodaa tokko malee dabarsuudha.
Chaayinaatti gara caalu dhorkaan irra kan kaa’ame yoo ta’u, hoteelota idil-addunyaa fi mooraa warra dippilomaatotaa qofa keessatti mul’ata.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Biriitaaniyaa Doominik Raab, murtee kana murtee bilisummaa miidiyaa dhorku, murtoo fudhatama hinqabnedha jedhan.
Waggoota dabran keessa, Chaayinaan miidiyaa biyya alaa ugguraa fi dhorka irra kaa’aa jirti.
Marsariitii fi aappiin BBC biyyattii keessaatti dhorkamaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.