Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Taayiwaan humnaan qabachuuf yoo yaalte, Ameerikaan humna waraanaa fayyadamti – Preezdaanti Baayiden

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) –Chaayinaan odola Taayiwaan humnaan dhuunfachuuf yoo yaalte, Ameerikaan kallattiin humna waraanaa ishee fayyadamuuf qophii ta’uu preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan beeksiisan.
Preezdaanti Joo Baayidan Jaappaan Tookiyootti argamuun ibsa Muummee Ministiraa Jaappaan Fuumiyoo Kiishiidaa waliin laataniin, Waashiingitan waldhabdee Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti uumamu ilaalchisee Taayiwaan baraaruuf humna waraanaa ishee bobbaasuu akka dandeessu ibsaniiru.
‘Nuti Birmadummaa Taayiwaan ni kabajna, yaa ta’uutii Chaayinaan Taayiwaan humnaan qabachuuf aangoo hin qabdu, kanaafis hin obsinu’ jedhuun dubbataniiru.
Dachee Eeshiyaa yeroo jalqabaaf daawwachaa kan jiran Preezdaanti Joo Baayidan,daawwannichi jaarraa booda daawwannaa Chaayinaa hin hammanne ta’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa Jaappaan Fuumiyoo Kiishiidaa fi Preezdaantiin Ameerikaa Baayidan akkaataa Taayiwaan itti tiksan irratti mari’achaa turuu isaanii kan hin oolle ta’uu maddi oduu ‘Nike Asian’ jedhamu gabaaseera.
Chaayinaan yeroo ammaa loltoota ishee gara Taayiwaanitti siqsuun qubsiisaa jiraachuun ishee, Chaayinaan Taayiwaaniin weeraruuf sodaa qabaachuu isaanii Baayidan eeraniiru.
Preezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan kanaan dura, Waashiingitan imaammata Chaayinaa kan “Chaayinaa Tokko” jedhu akka kabajan himanii turan. Kunis yaada “Chaayinaa Tokko” jedhuuf beekamtii akka kennanitti fudhatamee ture.
Har’a ammoo Taayiwaaniif dhaabbachuuf Chaayinaa waliin walwaraanuuf qophiidha jechuun isaanii dhagaa’ameera.
Chaayinaan gama isheetiin torbanoota muraasaan dura gama Ministeera Dhimma Alaa isheetiin, gochaan Ameerikaa yeroo dhiyoo qajeelfama “Chaayinaa Tokko” balleessuuf kan kaayyeffateedha jetteetti.
Taayiwaaniin ilaalchisees “shira siyaasaa akkanaa keessaatti kanneen hirmaatanii fi qaamoleen ibiddaan taphatan ni gubatu” jechuun akeekkachiisuun ishee kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.