Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan roobootii galaana keessa hanga meetira kuma 6tti fagaatee sakatta’u beeksifte

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Chaayinaan roobootii galanaa keessa gadii fagaachuun hanga meetira kuma 6tti sakattaa’uu danda’uu hojjechuun beeksifteetti.

Roobootiin kunis meeshaa to’aannoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, ‘Weenhaay-1’ jedhamee moggaafameera.

Roobootiin Akkaadaamii Saayinsii Chaayinaatti Inistiitiyuutii Sheeniyaaniin hojjetame, yaaliiwwan milkaa’an 17 taasisuun ibsameera.

Galaana keessa qulqllina olaanaan sagalee cinaa dhaga’amuu, wantoota galaana jalaa jiranii fi maalummaa isaanii kan adda baasuu danda’uu fi hojiilee saamuda addaa addaa hojjechuu akka danda’uu ogeeyyiin mirkaneessuu dubbataniiru.

Roobootiin kun qabeenya galaana jalaa fi qo’annoowwan damee hedduun walqabataniif deeggarsa taasisuu akka danda’u ibsamuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.