Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Raashiyaa fi Yuukreen gochawwan walitti bu’iinsa hammeessan irraa akka of qusatan yaadachiiste

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Chaayinaan Raashiyaa fi Yuukreen gochawwan walitti bu’iinsa hammeessan irraa of qusachuun  dhiibbaa jiru akka tasgabbeessan yaadachiiste.

Chaayinaan ibsa baasteen qaamoleen dhimma Yuukreen irratti hirmaatan hundi gochawwan walitti bu’iinsa hammeessan irraa akka ofqusatan gaafatteetti.

Kanaan dura DhMG bakka bu’aa dhaabbataan Chaayinaa Zhaan Juun yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa 76ffaarratti haala qabatamaa amma jiruun qaamolee dhimmi ilaallatu hundi tarkaanfiiwwan walitti bu’iinsa hammeessan fudhachuurraa akka of qusatan dubbataniiru.

Gama biraan Yuukreen hariiroo dippiloomaasii Raashiyaa waliin qabdu adda kutuu ibsiteetti.

Yuukreen hariiroo dippiloomaasii Raashiyaa waliin qabdu adda kutuu Preezdaantiin Yuukreen Vooldiimiir Zalaansikiin sa’aatii muraasa dura ibsa kennaniin  beeksisaniiru.

Maddi:- CGTN

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.