Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Qoonsilaan Ameerikaa biyyattiitti argamu akka cufamu ajjajje

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Chaayinaan Qoonsilaan Ameerikaa Kibba Lixa biyyattii magaalaa Cheengiduu keessatti argamu akka cufamu ajaja dabarsite.
 
Torbee darbe qoonsilaan Chaayinaa magaalaa Hiiyustanitti argamu akka cuftu Ameerikaan ajaja dabarsuun ishee kan yaadatamuudha.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon,sababni Chaayinaan qoonsilaa ishee akka cuftu godhame Chaayinaan kalaqa sammuu Ameerikaa toftaa garaagaraan haataa waan jirtuuf jedhan.
Chaayinaan gama ishee himatni kun tuttuqqaa lola siyaasaati jechuun qeeqaa jirti.
 
Yeroo dhiyoo as Chaayinaa fi Ameerikaa gidduutti walitti bu’iinsi garaagaraa uummamu cimaa dhufeera.
 
Maddi:-BBC
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.