Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan omishtumaa qonnaa guddisuuf deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Chaayinaan omishtummaan qonna Itiyoophiyaa akka dabaluuf deeggarsa taasiftuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Kongirasii Biyyaalessaa Chaayinaa dubbatan.

Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon miseensota Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Kongirasii Biyyaalessaa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Wayita marichaattis biyyoonni lameen michummaan tarsiimawaa qaban yeroo gara yerootti cimaa dhufuu ibsanii, Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameewwan bu’uuraalee misoomaa, qonnaa, barnootaa fi fayyaa dabalatee damee hundaan deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uun eerameera.

Aadde Loomii Badhoon akka jedhanittis, Chaayinaan michuu misoomaa Itiyoophiyaa ta’uun dameewwan hundaan walta’iinsi argisiistu michummaa tarsiimawaa biyyoota lameenii daran kan guddisuu ta’uu himaniiru.

Omishtumma qonnaa guddisuufis Ashaara Magariisaarraa eegalee hojii garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsanii, damee qonnaa makkaanaayizeeshiniin ammayyeessuun wabi nyaataa gama mirkaneessuun Chaayinaan muuxannoo ishee Itiyoophiyaaf akka qooddu gaafataniiru.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Kongirasii Biyyaalessaa Chaayinaa Juu Jihaa’oo gama isaaniin biyyi isaanii qonna ammayyeessuun, omishaa fi omishtummaa guddisuuf tarkaanfilee fudhataman ibsaniiru.

Chaayinaan qonnaa kilaastaraan misoomsuu fi qonnaa makkaanaayizeeshinii fayyadamuun hojiilee misooma qonnaa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan waggoota muraasaa as utubaa diinagdee kan ta’e qonna guddisuuf hojiileen gaggeessaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu himan.

Keessumaa qabeenyaa uumamaa fi eegumsa naannawaa irratti hirmaannaan taasisaa jirtu kanneen biroof fakkeenya ta’uu ibsuu TOI gbaaseera.

Chaayinaan qonnaa ammayyeessuufis deeggarsa teeknooloojiiwwan garaagraa akka taasiftu mirkaneessaniiru.

Biyyoonni lameen hariroo paarlaamaa fi paarlaamaa akkasumas michummaa misoomaa daran cimsuuf, miseensonni paarlaamaa gara Chaayinaa dhaquun damee qonnaa akka daawwatan haalli kan mijatu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.