Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan ofii isheen faalama naannawaa hir’isuuf ni hojjetti–Shii Jiinpingi

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)-Chaayinaan daandii ofii isheen faalama naannawaa hir’isuuf kan hojjettu ta’uu Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpingi ibsan.

Shii Jiinping, kana kan jedhan jijjiirama qabeenya qileensaa dandamachuuf tarkaanfii ariifachisaan akka fudhatamuuf Ergamaa Addaa Ameerikaa Joon Keeriin hubaachiisuu hordofee ta’uun ibsameera.

Ergamaan Addaa Jijjiirama Qabeenyaa Qilleensaa Ameerikaa Joon Keeriin Muummee Ministiraa Chaayinaa Lii Chaangii fi Dippiloomaatii Olaanaa Waang Yuu waliin mari’achuu isaanii CNN gabaaseera.

Joon Keeriin wayita kana, Chaayinaan, elementii faaltota qilleensaa damee humnaa fi gaazii Kaamiteen irraa biliisa taasisuu qabdi jedhan.

Chaayinaan bosona mancaasuurraa of qusachuu qabdis jedhaniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinping, hamma gadii lakkifama kaa’amee Chaayinaan bara faranjoota 2023’tti hammeentaa faaltoota qilleensaa ni sirreessiti jedhan.

Bara Faranjoota 2060’tti immoo biyya wantoota qabeenya qilleensaa faalan gadii hinlakkifne akka taatuu isiinifan mirkanneessaa jechuun yaa’ii Egumsaa Naannawaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jiruurratti dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.