Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan nagaa fi badhaadhinaa Gaanfa Afrikaaf deeggarsa akka taasistu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Chaayinaan nagaa fi badhaadhina Gaanfa Afrikaaf deeggarsa akka taasistu beeksisfte.

Barreessaa Olaanaa Dhaabbataa Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoon Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Chaayinaa Ambaasaaddar Zhuu Biingi waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Zhuu Biingi irra deebiin Barreessaa Olanaa IGAD ta’uun filamuutti Dooktar Warqinaa Gabayyoon bagaa gammaddan jedhaniiru.

Ambaasaadar Zhuu Bingi yaa’ii 14ffaa IGAD Jibuuttii gaggeffamerratti haasawaa taasisaniin, dhimmoota naannawichaarratti gahee IGAD bahacha jiru kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.

Ergaa isaaniin Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaatti Daayrektara Olaanaa Qajeelcha Dhimmoota Afrikaa Wuu Peeng naannawichi fakkeenya nagaa fi badhaadhinaa akka ta’uuf tattaaffii taasifamu Chaayinaan deeggarsa kan taasiftu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.