Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan karoora Walta’iinsaa “Belt And Road” hojiirra oolchuuf dandeessisu ifoomsite

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing karoora sadarkaalee biyyattii saddeet walta’iinsa “Belt And Road” qulqullina olaanaan hojiirraa oochuuf dandeessisu ifoomsan.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing karoorichaas Fooramii “Belt And Road” 3ffaa gaggeeffamaa jirurratti ta’uu CGTN gabaaseera.

Babal’isa pirojektichaaf tokkoon tokkoo Baankii Misoomaa Chaayinaa fi Baankii Galii Alaa Chaayinaa isaanii Yuwaanii biiliyoona 380 (Doolaara biiliyoona 48.75) ramaduun sochii akka taasisan Pireezidaanti Shiin dubbataniiru.

Dabalataan Yuwaanii biiliyoona 80 Pirojektii ‘Silk And Road’f akka oolchaan mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.