Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Indaastiriiwwan keessatti roobootiitti fayyadamuun biyyoota  addunyaa dursaa jirti jedhame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Chaayinaan Indaastiriiwwan keessatti roobootiitti fayyadamuun biyyoota  addunyaa dursaa jiraachuun gabaafameera.

Akka bara faranjootaa 2024’tti Chaayinaan roobootiiwwan  indaastirii keessa hojjetan hedduu walitti suphuu Dubbii himaan Koree Gorsaa Paartii Uummataa Biyyaalessaa  Chaayinaa Li’uu Jii’eeyuun ibsaniiru.

Chaayinaan warraaqsa diinagdee ammayyaa ijaaruu fi oomishaalee qulqullina qaban gabaarra oolchuun guddina teekinooloojiif gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Indaastirriiwan guddina teekonooloojii ammayyaan fooyya’iinsa guddaa argamsiisaa jiraachuu ibsanii, gama Kanaan roobootiiwwan shoora olaanaa bahachuu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo roobootiiwwan shubbisa aadaa dabalatee hojiilee garaagaraa keessatti hirmaachuun agarsiistuu tokko ta’uu ibsniiru.

Teekimooloojiin dirooniis taanaan qonnaa fi waraana dabalatee tajaajiloota biroof oolaa jiraachuun eerameera.

Guddina teekonooloojii kana hundaa keessatti gaheen Chaayinaa olaanaa ta’uu CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.