Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan ijaarsa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Vaayirasii Koroonaa xumuraa jirti

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Chaayinaatti ijaarsi Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Vaayirasii Koroonaa namoota kuma 1 ol keessummeessuu danda’u guyyoota muraasa keessatti xumura irra ga’eera.

Hospitaallii kun guyyoota muraasa keessatti meeshaalee barbaachisaan hunda guuttachuun tajaajilaaf qophaa’uun isaa raajii uumee jira.

Ijaarsa Hospitaalichaa guyyaa 6 keessatti xumuruuf karoorfamus hirmaannaa mootummaa fi tola ooltootaan guyyaa jedhame dursee tajaajilaaf qophaa’uu isaa ibsameera.

Hospitaalli kun lafa iskuweer meetira kuma 25 irra kan qubate yoo ta’u, siree ciisichaa 700-1000 qaba jedhameera.

Dilbata dhufu hojii ni eegala jedhamee eeggama.

Weerara Vaayirasii kanaan hanga ammaatti namoonni kumni 6 ol yoo qabaman namoonni 132 du’aniiru.
Dhibeen kun Chaayinaan ala biyyoota garagaraatti namoota 49 irratti mul’ateera.

Maddi:- CCTV, CGTN fi Daily Mail

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.