Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan hojiiwwan walta’iinsa idil addunyaa eegaltee cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)- Chaayinaan hojiiwwan walta’iinsa idil addunyaa eegaltee cimsitee kan itti fuftu ta’uu Pireezidaantiin Biyyattii Shii Jiinpingi dubbatan.

Hundeeffamni Rippaabilikii Ummataa Chaayinaa waggaa 75ffaan kabajamuu eegaleera.

Pireezidanti Shii Jiinpingi haasawaa taasisaniin Chaayinaan waggoottan 10’n darban jijjiiramaa fi milkaa’inaalee galmeessuu kaasan.

Paartiin Koministii Chaayinaa guddina diinagdee saffisaa fi tasgabbii hawaasumma yeroo dheeraa gama mirkaneessuun gahee olaanaa akka qabaachaa ture yaadachiisaniiru.

Miseensota kutaalee hawaasaa Chaayinaatti argaman, waraanaa bilisa baasaa ummataa fi michuuwwan Idil Aduunyaa misoomaa Chaayinaaf tumsa taasisan, dureewwanii fi gootota duraanii galateeffataniiru.

Hojiilee hunda keessatti ummata dursuu fi misooma naga qabeessaa itti fufsiisuun faayidaa akka qabus hubachiisaniiru.

Shii Jiinpingi, faayidaa imaammanni “Biyya Tokko Sirna Lamaa” qabu, tokkummaa fi walitti dhiyeenyaa Taayiwaan waliin qabdu, fooyya’insaa bulchiinsaa fi walta’iinsa idil addunyaaf kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.

Chaayinaan gufuulee mudataniin injifachuu fi dhala namaaf abdii uumuuf walta’iinsi waloo akka taasifamuu waamicha dhiyeessaniiru.

Guyyaan bilisummaa biyyattiis guyyoottan itti aanaan kabajamuu akka itti fufu beekameera.

Afwarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.