Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan hamma dhiyeessii anniisaa Raashiyaarraa galfattuu dabalte

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Chaayinaan hamma dhiyeessii anniisaa Raashiyaarraa galfattuu dabaluun ishee gabaafame.

Beejiingi baatii Guraandhalaa eegalee Raashiyaarraa kan bitte oomishaalee jikita boba’aa, zaayitaa, gaazii fi dhagaa cileef Doolaaraa biiliyoona 35 baasii taasisuun ishee gabaafameera.

Walitti bu’iinsi Yuukireenii fi Raashiyaa erga eegalee as qoqqobbii biyyoota Lixaa fi Mooskoo booda dhiyeessii anniisaa Raashiyaarraa gara chaayinaa ergamanii %75 ol gadi bu’uu Biluumbargi gabaaseera.

Akka gabaasichaatti, baatii Guraandhalaa hanga Adoolessaatti oomisha Rashiyaa, jikita boba’aa, zayita, gaazii fi dhagaa cilee Beejiingi bittu waggaa tokkoon dura kan ture Doolaara biiliyoona 20 irraa gara Doolaara biiliyoona 35tti guddachuu eereera.

Kun ta’us, biyyoonni lixaa hedduun dhimma Yuukireeniin walqabatee qoqqoobii kaa’aniin shaqaxoota Raashiyaa dhorkuun erga eegalamee, Raashiyaan hir’isa gatii dhiyeessii oomishaalee anniisaa irratti taasiste Chaayinaan akka carraa gaariitti fayyadamuu RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.