Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Gamtaa Awurooppaa himatte

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Chaayinaan Gamtaan Awurooppaa dhimma keessoo Hoong Koong seenera jechuun himatte.
Gamtichatti Biiroon ergamaa addaa Chaayinaa akka ibsetti, filannoo bulchiinsa Addaa Hoong Koong Dilbata darbe gaggeeffame ilaalchisee Gamtaan Awurooppaa gidduu seenera jechuun himateera.
Chaayinaan himannaa kana kan dhiyeessite Bakka Bu’aa Olaanaan Dhimma alaa fi Imaammata nageenyaa Gamtichaa Jooseep Booriil ibsa filannoo Mana Maree 7ffaa Hoong Koong ilaalchisee laatan hordofee ta’uu ibsameera.
Akkaataa heera Mootummaa Bulchiinsa addaa Hoong Koongin Chaayinaan nageenya Bulchiinsa ishee eegsisuuf seericha fudhachuun hojiirra ni oolchiti, sirna filannoos fooyyessiteerti jedha biirichi.
Filannichis karaa nagaan gaggeeffamu eereera.
Dhimma Keessoo Chaayinaa kan ta’e dhimma Filannoo Hoong Koong giddu seenuun birmadummaa biyyaa sarbuu ta’uu biirichi ibseera.
Gamtichi seeroota hariiroo idil addunyaa akka kabajuu fi dhimma keessoo Hoong Koongii fi Chaayinaa gidduu seenuu akka dhaabu gaafateera.
Badhaadhina fi Tasgabbii Hoong Koongitti gufuu ta’uu akka dhaabu hubachiiseera.
Maddi:-CGTN
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.