Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Chaayinaan mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuu isaa dinqisiifatteetti.

Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaatti Daayrekatarri Olaanaa Qajeelcha Dhimmoota Afrikaa Wuu Peeng ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Beejiing Ityoophiyaatti marii biyyaalessaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf taasifamu kan deeggartu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis Chaayinaan  lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsi namoomaa taasistu cimee kan itti fufu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif dhiyeessii deeggarsa ariifachiisuuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuun isaa ni yaadatama.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.