Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan damee diinagdee Itiyoophiyaaf tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) – Chaayinaan damee diinagdee Itiyoophiyaaf tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite.
Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal Dura Taa’aa Ejansii Tumsa Misooma Idil Addunyaa Chaayinaa Luuwoo Chaawuhuy waliin Beejingitti mari’atan.
Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan milkaa’ina diinagdee jajjabeessaa galmeessuu Obbo Malaakuun eeraniiru.
Dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuun danda’amuu kaasaniiru.
Piroojektoonni jajjaboon guddina Diinagdee Itiyoophiyaa saffisiisan ijaaramaa jiraachuu marii isaaniin kaasaniiru.
Ijaarsi Piroojektoota kanneenii ariitiin akka xumuramu Ejansiin Tumsa Misooma Idil Addunyaa Chaayinaa deeggarsa barbaachisu akka taasiisu gaafataniiru.
Chaayinaan damee diinagdee Itiyoophiyaaf tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Luuwoo Chaawuhuy eeraniiru.
Fooyya’iinsa Diinagdee Itiyoophiyaan eegalte milkeessuuf dhaabbannii isaa tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu himaniiru.
Biyyoonni lamaan dhimmoota waloorratti tumsaan hojjechuun waliigaluu ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.