Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Barattoota Itiyoophiyaaf carraa barnootaa bilisaa kennite

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Chaayinaan Barattoota Itiyoophiyaa 200 ta’aniif carraa barnootaa bilisaan kennuu beeksiifte.

Barattoota carraa kana argatan keessaa 23 Itiyoophiyaatti Embaasii Chaayinaatti gaggeessaan taasiifameefira.

Barattoonni kunneen dameewwan garagaraan carraa barnoota Maasterii fi PHD kan argatan ta’uu ibsameera.

Chaayinaan dameewwan adda addaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Gorsaa Embaasichaa Shaan Kiimiin ibsaniiru.

Keessattuu Chaayinaan bara baraan barattoota Itiyoophiyaa hedduuf carraa barnoota bilisaan kennaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara kanas sagantaalee garaagaraan barattoota 200 ta’aniif carraa barnootaa kennuu himaniiru.

Saamu’eel Warqaayehutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.