Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan argannoowwan teekinooloojiin dursaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Chaayinaan argannoowwan teekinooloojii barbaachisoo ta’aniin dursaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammaa argannoowwan saayinsiifi teekinooloojii 44 babal’ifamaa jiraachuu qorannoon Instiitiyuutii Imaammata Tarsiimawaa Awustaraaliyaa ifoomseera.

Kanneen keessaa 37 Chaayinaan babal’ifamaa jiraachuu qorannoo inistiitiyuutichaan eerameera.

Biyyattiin argannoo saayinsiif teekinooloojii dameewwan Ittisa Biyyaa, qorannoo hawaa, roobootiksii, humna, eegumsa naannoo, baayoo-teekinooloojii, artifishaal intalajansiifi kuwaantam teekinooloojiin dursaa jiraachuu inistiitiyuutichi eereera.

Dhaabbileen qorannoo gurguddoon addunyaa 10 Chaayinaatti kan argaman ta’uu qorannichaan ibsamuu RTn gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.