Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan, Ameerikaan meeshaalee waraanaa Taayiwaanitti akka hingurgurre mormite

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Ameerikaan Taayiwaaniif meeshaalee waraanaa gurguruu hinqabdu jechuun Chaayinaan cimsitee mormite.

Baatii Bitootessaa keessa Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 619 Taayiwaaniitti guguruuf raggaasisuun kan yaadatamuudha.

Dubbii Himaan Ministeera Ittisaa Chaayinaa Taan Keefeey ibsa kennaniin, Ameerikaan Taayiwaan waliin hariiroo loltummaa qabdu hatattamaan akka dhaabdu hubachiisaniiru.

Dhimmi Chaayinaa fi Taayiwaan dhimma keessoo waan ta’eef, Ameerikaan gidduu seentee muddama jiru tuqachuurraa akka of qoqqobdu gaafataniiru.

Giddu seentummaan Ameerikaa qajeelfama Chaayinaa tokko jedhu kan cabsuu fi raggaasifamoota hariiroo waloo Ameerikaa Chaayinaa kan tilmaama keessaa hingalchine ta’uu hubachiisaniiru.

Waraanni Chayinaas haleellaa kamuu dhaabuuf qophii ta’uu mirkaneessuu eeruun CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.