Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Afrikaaf Doolaara biiliyoona 51 dhiyeessuuf waadaa galte

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)-Chaayinaan faayinaansii haaraa bifa liqii fi deeggarsa garaagaraan Doolaara biiliyoona 51 akka dhiyeessitu beeksiste.

Fooramiin walta’iinsa Chaayinaa-Afrikaa Beejiingitti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi haasawaa taasisaniin, Chaayinaan Afrikaa keessatti yoo xiqqaate carraalee hojii miiliyoona 1 akka uumtu waadaa galaniiru.

dabalataan biyyoota Afrikaaf faayinaansii haaraa bifa liqii fi deeggarsa garaagaraan Doolaara biiliyoona 51 akka dhiyeessitu himan.

Walitti hidhamiinsaa ardichaa cimsuufis pirojektootaa bu’uuraalee misoomaa 30 akka deeggartu beeksisaniiru.

Daandiilee, daandii Geejjiba baaburaa, manneen barnootaa, hospitaalota, paarkiiwwan indaastirii fi zooniiwwan addaa waloon ijaaruu yaadachiisaanii, pirojektoonni kunneenis jireenya hawaasa hedduu akka jijjiire dubbataniiru.

Ummannii Chaayinaa fi Afrikaa waloon hojjechaa akka jiranis ibsan.
Beejiingi liqeessituu olaantuu Ardii Afrikaa yoo tatu, bara Faranjootaa 2006 hanga 2021 gidduu biyyoota Afrikaaf Doolaara biiliyoona 191 dhiyeessuu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.