Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa Waraanni ishee naannawaa Taayiwaanitti qophaa’ummaan akka dhaabbatu ajajje

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Chaayinaan Waraanni  ishee naannawaa galaanaa fi qilleensaa Taayiwaanitti qophaa’ummaan akka dhaabbatu ajajuun gabaafame.

Waaraanni biyyattii ajaja kana kan kenne tarkaanfii waloo Waashingitanii fi Taayipee fudhatan yoo jiraate deebii barbaachisaa kennuuf ta’uu ibseera.

Chaayinaan Taayiwaan lafa ishee akka ta’eetti kan himattu waggoottan lamaan darbanii as waraanaa ishee gara quubsuma Taayiwaanitti siiqsaa turteetti.

Taayipee garuu birmaadummaa isheerratti dhiibbaa gama Chaayinaan taasifamaa jiru akka dhaabbatuuf gaaffachaa turteetti.

Chaayinaan gama isheetiin deeggarsa Ameerikaan Taayipeef taasiftutti hingammanne.

Torban darbe keessa Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Chaayinaan Taayiwaaniin yoo weerarte Taayiwaaniin cinaa goruun akka waraantu himanii turuun kan yaadatamuudha.

Ajaji Waraanaa Chaayinaa Nannawaa Baha biyyattii akka eeretti, guyyoota muraasaa as humni waraanaa Chaayinaa qophaa’ummaan dhaabbatee kan jiru; kunis tarkaanfii waloo Ameerikaa fi Taayiwaaniif deebii barbaachisaa kennuuf ta’uu himeera.

Taayiwaan naannawaa qilleensaa isheetti roorrisa humna qilleensaa Chaayinaan taasifaamu mormitus, gama isheetiinis naannawaa qilleensaa isheetti taatee mudatu ittisuuf qiyyaafannaan hordofaa jiraachuu eerteetti.

Dabalataan, egeree odola Taayiwaan kan murteessu ummata Taaywaanii jechuun mootummaan Taayiwaan nageenyaaf dursa kennuus akka barbaachisummaa isaatti aggaammii kamuu ofirraa kan qolatu ta’uu ibseera jechuun Rooyitarsi gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.