Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsi baraa gara baraatti godhamu hiikaa akka qabaatuuf yaada haaraa fi tarkaanfataan dabaallamuu qaba – MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Fulbaana 1, 2013 (FBC) – Ce’umsi baraa gara baraatti godhamu hiikaa akka qabaatuuf yaada haaraa fi tarkaanfataan dabaallamuu qaba jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Shaggar Addabaabayii Michummaatti argamuun erga baga geessanii dabarsabiiru.
 
Boqonnaa haaraatti ce’uu keenyaf baga gammaddan jedhan.
 
Barri haaraan dhalli namaa abdii haaraa,humnaa fi yaada haaraan akka ka’uuf qoricha tokko jedhan ergaa dabarsaniin.
 
Injifannoo argame irra dhaabbannee hin fafnu gara injifannoo caalmaatti ce’uuf ni tattaaffaanna jedhaniiru.
 
Barri 2012 gaddaa fi gammachuun, mormii fi salphinaan, boonsaa fi qaaniin kan guuttame ture jedhan dubbii taasisaniin.
 
Gootoonni Ityoophiyaa hanga lubbuu lama waan qaban fakkaatuutti biyya isaaniif wareegama qaalii kaffaluu eeraniiru.
 
Yaa ta’uutii Ityoophiyaan cimina gootoota isheen rakkoolee kamiiyyuu darbuun har’a geesseerti jedhan.
 
Qormaanni cimaan hedduuun muudatus ogummaa fi malaan darbuun danda’ameera jedhan.
 
Ityoophiyaan biyya dukkanaaf hin jilbiiffannee biyya iftuu,ummata jaboo fi lammiilee murannoo olaanaa qaban qabduudha jedhan.
 
Dukkana duuba ifatu, qormaata duuba abdiitu, addaba’uu duuba walitti dhufeenyatu,kuufaatii booda ka’uutu jira kan Dooktar Abiy jedhan,ce’umsi baraa gara baraattti taasiifamu hiikoo akka qabaatu yaada moofaa bara moofaa waliin gaggeessinee yaada haaraa fi tarkaanfataan dabaaluu qaban jedhaniiru.
 
Guutiinsa bishaan hidha haaromsaa marsaa jalqabaa milkessuu dabalatee hojiilee hedduun bara itti milkaa’e ta’uu eeraniiru.
 
Barri kun bara kan yaadne itti milkeessinu, kan eegallee itti xummurruu, nagaa waaraa itti argannu, harka walqabannee waliin ceenu yaa ta’u jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.