Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsa gara misooma magariisaatti taasifamuuf deeggarsi maallaqaa mala barbaada-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad marii mata duree “Gufuulee jaarraa 21ffaa hambisuuf moodela baankota misoomaa damee hedduu fooyyessuu” jedhuurratti hirmaataniiru.

Yaa’ii waliigaltee haara faayinaansii idil addunyaa Faransaay Paarisitti gaggeeffamerrattis akka jedhanitti, kanaan dura waliigalteewwan taasifamaniin waadaawwan galaman hojiirra ooluu akka qaban kaasaniiru.

Kana malees dhiyeessii faayinaansii guddisuu fi ce’umsaa gara misoomaa magariisaatti taasifamuuf deeggarsaa maallaqaa taasisuuf tooftaa cimaa uumaan murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Jeequmsa idaa mudachaa jirus dhaabuun barbaachisaadha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.