Fana: At a Speed of Life!

Cehumsa qonnaa toora xiyyeeffannoo taasifnee erga sochii eegallee milkaa’ina gaarii arganeerra – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Cehumsa qonnaa toora xiyyeeffannoo taasifnee erga sochii eegallee milkaa’ina gaarii arganeerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Imala jijjiiramaa kana keessatti oomisha gosa adda addaatiin ofdanda’uurra dabarree gabaa biyya alaaf dhiyeessurratti argamna jedhan.

Bara kanas sochii qonna Arfaasaatiin qofa lafa hektaara miiliyoona 1.3 misoomsuu kan dandeenye yoota’u, callaa gaariin argamaa jira.

Milkaa’inni hanga ammaa jiru kan hin haalamne ta’us, baay’ina, fedhiifi haala qabatamaa ummata waliin yoo walbira qabnu, qarqara jalqabbii bira waan tarree miti.

Kanaafuu, jalqabbii dachaa hedduun dabaluun oomishtummaa irratti daran hojjechuu, akkasumas indaastirii waliin hidhamiinsa gara fulduraafi booddee cimaa uumutu nu barbaachisa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.