Fana: At a Speed of Life!

Carraan lootarii “Lammiitu Lammiif” ba’e

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Carraan lootarii “Lammiitu Lammiif” ba’e.

Carrichi bakka koreen olaanaa deeggarsaa, hoggansi mootummaa naannoo Oromiyaa fi keessummoonni biroon argamanitti har’a ba’eera.

Carrichi kan baafame magaalaa Finfinnee galma Lootarii Biyyoolessaatti.

Abbootiin carraa 1ffaa lakkoofsa lotorii N 0 2 9 8 6 0 7 fi N 0 8 6 5 7 3 2 yoo ta’an, tokkoon tokkoon isaanii mana jireenyaa argatanii jiru.

Lootarichi Oromoo rakkoo nageenyaa naannoo Somaaleetti tureen buqqa’an deebisanii dhaabuuf gurguramaa turee, carraan isaa waggaa lamaa oliif osoo hin ba’in turuun isaa ni yaadatama.

Gurgurtaa lootarii kanaan Birrii miiliyoonni 800 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 41 walitti qabameera.

Rakkoon nageenyaa darbee darbee mudachuu, jijjiirraa hoggansaa sadarkaa adda addaa, fedhiin deeggarsaaa fi bittaa lotorii gadi bu’uu, waadaan galame raawwachuu dhabuu, rakkoon odiitii mudachuu fi kanfaltiin seeraa lotorii biyyaalessaaf barbaachisu murtee argachuu dhabuunfaa isaan ijoo ture jedhameera.

Lakkoofsi namoota carraan isaan ga’ee karaa baankotaa, lotorii biyyaalessaa, miidiyaalee tamsaasaa fi miidiyaalee hawaasaan kan beeksifamu ta’uu koreen olaanaan deeggarsaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.