Carraa amma jirutti fayyadamnee biyya keenya kufaatii keessaa baasuuf har’a cimnee hojjechuu qabna – Dooktar Abiy
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC) -Carraa amma jirutti fayyadamnee biyya keenya kufaatii keessaa baasuuf har’a cimnee hojjechuu qabna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimed.
Dooktar Abiy sirna eebba Proojektii Addabaabayii Masqalaarratti argamuun haasawa taasiisan Carraa amma jirutti fayyadamnee biyya keenya kufaatii keessaa baasuuf har’a cimnee hojjechuu qabna jedhan.
Addabaabayiin Masqalaa taateewwan adda addaa kan arge ta’uu ibsan.
Hiriira deeggarsaa fi mormii hedduu keessummeessee jira jedhan.
Ityoophiyaanoonni hundi kooti jedhee magaalaa ittiin dhaadatutti proojektiin Addaabaabayii Masqalaa ijaaramee eebifamuu isaatiin baga gammadan jedhaniiru.
Hojjetanii agarsiisuuf yeroo dheeraa gaafata, balleessuuf garuu salphaadha jechuun dubbataniiru.
Nageenyi daraan murteessadha, nagaa buusuun ammoo nama dhuunfaarraa eegala jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.