Fana: At a Speed of Life!

Caffeen yaa’ii idileesaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Caffeen yaa’ii idileesaa gaggeessuu eegale.

Caffeen Oromiyaa har’a Adoolessa 18,2012 eegalee yaa’ii idileesaa 12ffaa, waggaa 5ffaa, bara hojii 5ffaa isaa gaggeessaa jira.

Yaa’ichaan ajandaaleen addaddaa kan ilaalaman ta’a.

Caffeen Oromiyaa, yaa’ii idilee kanaan qabo yaa’ii walga’ii idilee 11ffaa mirkaneessuu dabalatee gabaasa raawwii hojii bara 2012 fi kallattii karoora bara 2013 qaamolee mootummaa sadanii fi mana hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa dhiyaatan irratti ni mari’ata.

Wixineewwan labsii dabalata baajataa bara 2012 fi baajata bara 2013 irratti mari’achuunis ni raggaasisaan eegama.

Akkasumas wixinee labsii tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’erratti ni mari’ata.

Muudama adda addaa dhiyaatu irratti bal’inaan erga mari’ateen boodas ni mirkaneessan eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.