Fana: At a Speed of Life!

Caffeen wixineewwan labsii garagaraa dhiyaatanirratti mari’achuun raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)- Caffeen Oromiya wixineewwan labsii garaagaraa dhiyatanirratti mari’achuun raggaasiseera.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 7ffaa gaggeessaa jiruun Wixinee Labsii Bulchinsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Bishaan Naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’e raggaasiseera.

Wixinichi qabeenya bishaanii Naannoo Oromiyaa eeguu fi kunuunsuun faayidaa ummataaf akka ooluuf, sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaanii diriirsuu fi gahee mootummaa, hawaasaa fi dhaabbilee adda baasuun gahee isaanii gahumsaan akka bahatan kan taasisuudha jedhameera.

Haaluma walfakkaatuun Wixineen Labsii Misoomaa Bulchiinsaa fi Itti Fayyadamaa Bosona Oromiyaa ba’e raggaasiseera.

Tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaalessaa fi Naannichaatti gaggeeffamaa jiru giddugaleeffachuun misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyi bosonaa gahee guddaa waan qabuuf wixinee kana qopheessuun akka barbaachise ibsameera.

Mancaatii bosonaa naannicha keessatti uumamaa jiru, jijjiirama qilleensaa, babal’ina gammoojjummaa, dhiqama biyyoo, hanqina bishaaniif omishni midhaan nyaataa, beela, hiyyummaafi buqqa’iinsa hordofsiisaa kan jiru ta’uun waan hubatameef qabeenya bosonaa hirmaannaa qaamolee adda addaan deebisanii misoomsuun dirqama lammummaa ta’uun barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Kana malees, Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf ba’e raggaasiseera.

Labsichi, bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa bu’a qabeessa ta’e akka jiraatuuf guddina diinagdee fi hawaasummaa madaalawaa ta’e fiduuf magaalonni giddugala guddina baadiyyaa, pilaaniin akka hoogganaman taasisuuf, qophii fi raawwii isaa karaa sirrii fi qindaa’aa ta’een, seeraan hoogganuuf barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Kana malees, adeemsa qophii fi raawwii pilaanii hojimaata iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun akka hoogganamu, akkasumas, hirmaannaan ummataa kan keessatti mirkanaa’e taasisuun barbaachisaa ta’uunis ibsamee jira.

Gama biraatiin Wixinee Labsii Filannoo Miseensota Manneen Maree Aanaa, Ganda Baadiyyaa, Bulchiinsa Magaalaa, Aanaa Magaalaa fi Ganda Magaalaa Naannoo Oromiyaa Irra deebiin Murteessuuf Qophaa’e raggaasiseera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.