Fana: At a Speed of Life!

Caffeen wixinee labsiiwwan garaagaraa raggaasiise

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC)- Caffeen Oromiyaa yaa’ii mana maree 5ffaa xumurraa fi yaa’ii 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeessaa jiruun wixinee labsii garaagaraa dhiyaate raggaasiiseera.
Wixiinee Labsii Qaamoolee Raawwachiftuu Mootummaa Naaannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuu,Aangoo fi Hojii isaanii murteessuuf ba’e labsii lak 199/2008 sagalee guutuutiin raggaasiiseera.
Wixinee dhiyaate kanarratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee miseensonni caffee yaada wixinicha gabbisan dhiyeessaniiru.
Labsichis labsii lakkoofsa 242/2014 jedhamuun moggaafameera.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.