Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Wixinee Labsii Gaachana Sirnaa Naannoo Oromiyaa irratti mari’achaa jira

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Gaachana Sirnaa Naannoo Oromiyaa irratti mari’achaa jira.

Ittaanaan waajjira preezdaantii naannoo Oromiyaa Obbo Habtaamuu Sisaay labsicharratti ibsa kennaniiru.

Uummanni Oromoo aadaa fi duudhaa sirna Gadaatiin gurmaa’ee nagaa fi tasgabbii naannoo fi dantaa isaa kabachiisaa ture gabbisuu fi dagaagsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef,uummanni naanichaa dammaqee, ijaaramee fi hidhatee nagaa fi tasgabbii isaa kabachiifachuu akka danda’u gurmaa’insa seeraan beekamtii qabuun hundeessuun barbaachisuu  akkasumas nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf hojii fi itti gaafatamummaa gurmaa’insa uumataa murteessuu fi qindoomina qaama nageenyaa giddu jiru karaa iftoomina qabuun tumuun barbaachisaa tahee waan argameef labsiin kun bahuun isaa ibsameera.

Wixineen kun  yoo mirkanaa’e uummanni naannichaa karaa gurmaa’een aadaa fi duudhaa isaa guddisaa nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaa jedhameera.

Hojii fi itti gaafatamummaa Gaachana Sirnaa waliin wal qabatee ibsa kennameen Gaachanni sirnaa nagaa fi tasgabbii kan eegu; kan kabachiisuu fi ol’aantummaan seeraa akka kabajamuuf qaamoolee biroo waliin kan  hojjetu, barbaachisummaa dhimma nageenyaa waloo irratti hawaasaaf hubannoo kan kennu ta’uu eerameera.

Gurmaa’insa Gaachana Sirnaa akkaataa gulantaa umuriitiin kan raawwatamu ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan:-

Dabballeen (0-8,)

Gaammee,( 9-16,)

Kuusaa (17 -24)

Raaba (25 -32)

Doorii (33 -40)

Gadaa (41-48)

Yuuba 1ffaa, (49-56)

Yuuba 2ffaa  (57-64)

Yuuba 3ffaa (65-72)

Yuuba 4ffaa (73 -80) akka tahee ibsameera.

Yeroo ammaa miseensoonni Caffee labsiicharratti yaadaa fi gaaffii dhiyeessuurratti argamu.

Gammachiis Taarikuu, Daagmaawii Deeksisaa fi Afwarqi Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.