Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Wixinee labsii Dhaabbilee hawaasa Siivilii Naannoo Oromiyaa bahe raggaase

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa guyyaa lammaffaasaa har’as ta’uu itti fufeera.
 
Caffeen Yaa’iisaa guyyaa lammaffaasaa kanaan Wixinee labsii Dhaabbilee hawaasa Siivilii Naannoo Oromiyaa Dura taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bajataafi to’annoo Horataalee Mootummaa Dooktar Gammachuu Araarsaan dhiyaate erga irratti mari’atee sagalee guutuun raggaasiseera.
 
Akkasumas Caffeen Oromiyaa wixinee dambii kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa manneen murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’e irratti mari’achuun raggaasiseera.
Tibbeessoo Dheekkamootu gabaase.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.