Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Yaa’ii 7ffaa borurraa eegalee gaggeessa

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 7ffaa bara hojii 6ffaa, borurraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeessa.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Adurraahmaan ibsa miidiyaaleef kennaniin Caffeen yaa’ii isaa kanaan ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarsaan eegama jedhan.

Dabalataan gabaasaa raawwii karoora bara baajataa 2016 fi karooraa bara 2017 dhiyaaturratti mari’achuun ni raggaasisa jedhan.

Dhimmoonni nageenyaa tasgabbii, raawwii hojiilee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi kenniinsi tajaajilaa ajandaalee marii adda duree akka ta’an akkeekaniiru.

Caffichi yaa’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessuun mudamoota garagaraas ni raggaasisa kan eegamu ta’uu himaniiru.

Muluu Waaqshuumee fi Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.