Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa wixinee labsii sirna Buusaa Gonofaa MNO qophaa’e irratti qooda fudhattoota waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC)- Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Sirna Buusaa Gonofaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa qophaa’e irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Waltajjii Marii Ummataa (Public Hearing) wixinicha gabbisuuf qophaa’e irratti argamuun kan saaqan Afyaa’ii I/Aanaa Caffee Oromiyaa akka ibsanitti, fedhii fi kaka’uumsa ummanni keenya rakkolee uumamaafi nam-tolchee isa mudatan furuuf waggoottan darban keessatti agarsiisaa ture daran cimsuuf, iftoomina, hirmaachisaa, haqummaafi itti gaafatamummaa akka qabaatuuf seeraan utubuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Wixineen kun Caffeetti dhiyaatee seera ta’ee hojiirra ooluu isaatiin dura ogeeyyii seeraafi qooda fudhattoota adda addaa waltajjiin kun hirmaachise irraa yaanni argamu wixinicha gabbisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu ibsu ragaan Caffee Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.