Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa wixinee labsii gurmaa’insa caffee raggaasiise

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii mana maree 5ffaa xumurraa fi yaa’ii 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeessaa jiruun wixinee labsii gurmaa’ina caffee raggaasiiseera.
Wixinee dhiyaate kanarratti miseensonni caffee yaada wixinicha gabbisan dhiyeessaniiru.
Wixineen labsii Gurmaa’ina Hojimaata Naamusa Miseensootaa fi Sirna Wal Gahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’e Lakkoofsi 201/2009 foyya’uun ragga’eera.
Labsichis labsii lakkoofsa 241/2014 jedhamuun moggaafameera.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.