Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa oolmaa guyyaa 2ffaa isaan baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 158.6 dhiyaate ni raggaasisaan eegama

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa isaan baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 158 fi miiliyoona 629 fi kuma 503 fi 305 ni raggaasisaan eegama.
Bu’uura labsii heera mootummaa naannoo Oromiyaa fooyya’ee bahee labsii lakk. 46/1994 keewwata 43(3) a ‘tiin, baajatichi bara hojii 2015’f kan karoorfame ta’uu ibsameera.
Naannoof Birrii biiliyoona 67 fi miiliyooni 439 fi kumni 700 ol, baajata marmaartuu naannootiif Birrii biiliyoonni28 fi miiliyoonni 699 fi kuma 593 ol, baajata kaappitaalaa naannoof Birrii biiliyoonni 38 fi miiliyoonni140 fi kumni 107 ol qoodamuu eerameera.
Baajata ramadamee keessaa Godinaalee fi bulchiinsoota magaalootaaf Birrii biiliyoonni 91 fi miiliyoonni189 fi kumni 802 ol qoodinsi taasifameera.
Baajata ittiin eeggannoo naannootiif ammoo Birriin miiliyoonni600 ramadameera jedhame.
Baajata bara 2015’f karoorfame miseensootni caffee irratti mar’achuun ni raggaasisuun eegama.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.