Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Muudama Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)-Caffeen Naannoo Oromiyaa Muudama Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Kadiir Maammoo raggaasise.

Kana malees, muudama Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf Abbootii Seeraa 8, Abbootii Seeraa 26 Mana Murtii Olaanaaf, Abbootii Seeraa 113 Mana Murtii Aanaaf, Waliigalaan Abbootii Seeraa 147 dhiyaate raggaasiseera.

Dabalataan muudama miseensota koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa garaagaraa dhiyaates sagalee guutuun mirkaneesseera.

Muudamtoonnis Caffee Oromiyaa duratti dhiyaachuun kakuu raawwataniiru.

Yaa’ii Idilee Caffee Oromiyaa 7ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.