Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa karoora waggaa 10 dhiyaaterratti mari’achaa jira

Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa karoora waggaa 10 dhiyaaterratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.

Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misoomaa naannoo Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa karooricha dhiyeessaniiru.

Galmoota misooma qonnaa ilaalchisee,:Oomisha midhaan gurguddoo giddu galeessaan %8.9, kuntaalaan miiliyoona 411tti guddisuu,oomishtummaa midhaan gurguddoo dachaan dabaluu,oomisha bunaa gara kuntaala miiliyoona 26tti guddisuu,tiraaktara kuma 12 kombaayinara kuma 4 fi 547 raabsuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Misooma jallisiitiin lafa hektaara miiliyoona 2.2 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona dhibba7 fi miiliyoona 77 argachuuf kan hojjatamu ta’uu Dooktar Tashoomaan ibsaniru.

Uuwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu 2012 %71.75rra ture gara %94.63tti ni guddata jedhan.

Daandii bonaa gannaa kiiloo meetira kuma dhibba1 fi kuma 9 fi 12tti akka guddatuuf ni hojjatama jedhaniiru.
.
Karoora misooma hawaasummaa waggaa 10ni waliin wal qabatee,Mana barumsa sad.1ffaa kuma 14 fi 937rraa bara 2022tti kuma 18 fi 014tti,sad 2ffaa 1,278rraa gara 3,314tti,barnoota kolleejjii 13rraa gara 20tti ol guddisuuf yaaddamuu kaasaniiru.

Uwwisa tajaajila kunuunsa da’umsa duraa %70rraa %100n ga’uuf,da’umsaan booda%80rraa %100n ga’uuf, tajaajiila dahuumsaa ogeessa fayyaatiin kennamu %59rraa gara%100tti ol guddisuuf karoorfamuu isaa Dooktar Tashoomaan himaniiru.

Qorannoo fi qo’annoo aadaa, Afaan,seenaa fi aartii uumata oromoorratti ni hojjtama.

Galii Biirrii biiliiyoona 477 sassaabuuf,hojii dhabdummaa bara 2012 %18 ture 2022tti gara %5tti gadi busuuf karoorfameera jedhan.

Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.