Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Boruu eegalee Yaa’ii idilee 2ffaa ni gaggeessa

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa boruu eegalee Yaa’ii idilee 2ffaa Waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa galma abbaa Gadaatti kan gaggeessu ta’uu
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Addee Sa’aadaa Abdurahmaan ibsaniiru.

Addee Sa’aadaa Abdurahmaan yaa’icha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Yaa’ichaan wiixineewwan labsii sadii dhiyaatanii ni ragga’uun eegama jedhan.

Wiixineewwan labsii kanneen keessaa wiixineen labsii Buusaa Gonofaa fi Gaachana sirnaa keessatti argamu jedhaniiru.

Yaa’ii guyyoota lamaaf taa’amu kanarrattis dhimmi nagaa fi tasgabbii naannoo Oromiyaa,qaala’iinsa jireenyaa komii hawaasaa ta’aa jiruu fi carraa hojii dargaaggootaa babal’isuf hojiiwwan hojjetamuu qabanirratti caffeen mari’atee kallattii ni kaa’an eegama.

Kana malees muudamni garaagaraa dhiyaachuun ni ragga’aan kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Daagmaawii Deeksisaa,Gammachis Taarikuu fi Afawarq Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.