Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa baajata bara 2013f Birrii biiliyoona 90 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 19, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 12ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 5ffaatin labsiiwwan addaddaa raggaasiseera.

Caffeen yaa’iisaatin wixineewwan labsii addaddaarratti mari’atee raggaasiseera.

Haaluma kanaan caffeen Oromiyaa baajata bara 2013 tti hojiiwwanii fi tajaajila naannichaaf hojiirra kan oolu Birrii biiliyoona 90 raggaaseera.

Wixinee Labsii kana, itti fufuun, dura taa’aa koree dhaabbii dhimma baajataafi to’annoo baasii Mootummaa kan ta’an obbo Yiilmaa Wayyeessaa fi hogganaan biiroo maallaqaa fi walta’iinsa diinagdee Oromiyaa obbo Tolasaa Gaddafaa Caffeef dhiyeessaniiru.

Caffeenis wixinicha sagalee guutuun mirkaneesseera.

Kana malees caffichi baajata dabalataa bara 2012tti hojiirra oole Birrii biiliyoona 8.73 baasii ta’ee akka kaffalamuuf raggaaseera.

Dabalataniis wixinee labsii tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala’aa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe irratti mari’atee raggaasiseera.

Caffeetti bakka bu’aa mootummaa kan ta’an obbo Fiqaaduu Tasammaa muudama miseensota kaabinee Caffeef dhiyeessaniiru.

Caffeenis muudama miseensota kaabinee dhiyaate kana mirkaneesseera.

Haaluma kanaan:

 

  1. Dooktar Mangistuu Baqqalaa Hurrisaa- Hooggana Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa.
  2. Obbo Taarraqany Bulultaa Godaanaa-Hooggaana Biiroo Bulchiinsaafi Itti fayyadama Lafaa Oromiyaa.
  3. Aadde Maskaram Abbabaa- Daareektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa.
  4. Obbo Ahimad Sayid Umar- Hooggana Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ta’uun caffee oromiyaatiin muudamaniiru.

Caffichi, miseensota Mana Maree Federeeshinii sababa adda addaattin harca’anii hafan sadii bakka buusee jira.

Miseensonni bakka bu’anis,

 

  1. obbo Fiqaaduu Tasammaa
  2. obbo Saadaat Nashaa fi
  3. obbo Abdulhakiim miseensa ta’anii akka tajaajilaniif bakka buuseera.

Kana malees Caffeen, miseensota koree dhaabbii sababa adda addaatiin harca’an sadii obbo Jagnaaw Gizaaw, aadde Shittaayee Lammaa fi Aadde Sittiinaa Badhaasootiin bakka buuseera.

Muudamtoonnii fi Miseensonni bakka bu’anis sirna kakuu raawwataniiru.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 12ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 5ffaa guyyota lamaaf Adaamaatti ta’ama ture xumureera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.