Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti marii’achaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC) – Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa wixinee labsii misoomaa, bulchiinsaa fi dabarsa manneenii mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’e irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti marii’achaa jira.
Caffeen aangoo seera tumuu heeraan kennameef bu’uura godhachuun seerota adda addaa baasuun maxxansee itti fayyadamtoota biraan gahaa tureera.
Wixineewwan seeraa caffeetti dhiyaatanii osoo hin ragga’iin dura ogeeyyotaa fi qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin yaada uummataa walitti qabuun galteewwan wixinichaa gabbisuu dandaa’an walitti qabuun tooftaa qulqullina seerotaa ittiin mirkaneessuu dandaa’amu keeessaa tokko dha jedhameera.
Haaluma kanaan guyyaa har’as wixinee labsii misoomaa, bulchiinsaa fi dabarsa manneenii mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’e irratti marii’achaa jira.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.