Fana: At a Speed of Life!

Caffeen gabaasa Raawii hojii bara 2014 fi kallattii karooraa bara 2015 waajjira Caffee Oromiyaa sagalee caalmaan mirkaneesse

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014(FBC)- Caffeen Oromiyaa gabaasa Raawii hojii bara 2014 fi kallattii karooraa bara 2015 waajjira Caffee Oromiyaa sagalee caalmaan mirkaneesseera.

Manneen Maree Aanaafi Magaalotaa ittigaafatamummaasaanii gahumsaan bahachuu akka danda’aniif hojii ijoo taasifamee akka hojjetamu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurahmaan dubbataniiru.

Yaa’iin Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa guyyaa lammaffaasaa itti fufeera.

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurahmaan  yaadaafi gaaffilee Miseensota Caffeerraa ka’aniif ibsa dabalataa kennuun, yaadota ka’an galtee karoora bara 2015 taasifamee akka hojjetamu ibsaniiru.

Dhumarrattis, Caffeen Gabaasa Raawwii Hojiiwwan Bara 2014fi Kallattii Karoora Bara 2015 Waajjira Caffee Oromiyaarratti marii bilchina qabu taasisuun mirkaneessuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.