Fana: At a Speed of Life!

Caaseffama haaraa itti dhiyeenyaan hawaasa tajaajilu diriirsuun kenna tajaajilaa kan mirkaneessudha jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Naannoon Oromiyaa Caaseffama haaraa itti dhiyeenyaan hawaasa tajaajiluu diriirse kenna tajaajilaa kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

Sirna biyya kanaa keessatti gurmaa’insi caasaalee mootummaa taasifamaa turee jira.

Caaseffama taasifamaa turan keessatti sirni ofiin ofbulchuu akka diriiru ta’eera.

Federaalizimii dhugaa ijaaruufii mirgi abbaa biyyummaa akka diriiruufi misooma irraa wal qixa fayyadamuu paartii badhaadhinaatiin akka mirkanaa’uuf hojii kutannoo qabu hojjetee jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hawaasa naannicha keessa jiraatan itti dhiyeenyaan tajaajiluuf caasaa haaraa diriirsuu Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaloon Tafarraan himaniiru.

Rakkoon uummataa adda bahee itti dhiyeenyaa akka furamuuf caasaan kun murteessaa ta’uus himanii jiru.

Kenni tajaajilaa ganda irratti waan baay’atuuf gandatti siquun tajaajila kennuun barbaachisaa ta’uu isaan kenna tajaajilaa haqa qabeessa ta’e hawaasa biraan gahuuf caasaan kun murtaassadha jedhan.

Caasaa haaraa kanaan namoonni ramaddii fudhatanii gara gandaatti imalanis imaanaa aayyoofii aabboo qabattanii hawaasa keessan akka tajaajiltan imaanaan jedhan Obbo Kaffaloon.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.